• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti Bilxiginnaan ragaa barnootaa hojjettootaa sakatta’uuf karoorfachuun himame

Feb 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Mootummaa gabroomfataan Bilxiginnaa erga dhiiga ilmaan Oromoon gara aangootti ba’ee as akkuma mootummoota dhufaa darbaan impaayerattii bulchaa turan hundaa ragaa barnoota sobaa ofumaan dalagsiisuun qarshii gurguddaa fudhachaa jira.

Kaabinoonnii fi jaleewwan Bilxiginnaa osoo barnootaa fi  ogummaa ittiin hawaasa tajaajilan waan tokkollee hin qabaatin, qarshii sabbata haadha hiyyeessaa irraa hiikaa oolan walitti corachuun qarshii guddaa baasanii ragaa barnoota sobaa dhaabbilee barnoota olaanoo irraa baafachuun akka waan barnoota qabaniitti oftuulanii teessoo guutanii taa’aa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kana ammoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa Kaabinoonni Bilxiginnaa walii isaanii sakatta’uuf wal irratti ka’anii wal rakkisuuf walitti qophaa’anii jiraachuu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa. 

Magaalicha cufa keessatti ragaan barnootaa hojjettoota mootummaa kan baay’inni isaanii 90,000 ol ta’u sakatta’amuuf akka jiru baramee jira. 

Ragaa barnootaa magaalaa sana keessatti sakatta’amu kanaan, kanneen ragaa barnootaa sobaa qaban hedduun walitti garagaluun walii isaaniitii akka wal jifatan shakkiin kan hin jirree fi Kaabinoonni Bilxiginnaa fi angaa’onni sirnichaa illee sobaan maqaa dokterummaa moggaafatanii kan jiran Koloneel Abiy Ahimediin dabalatee ragaan isaa osoo sakatta’amee digirii tokkollee kan hin qabne ta’uun ifa galaadha jechuun maddeen itti siqeenyaan dhimmicha hordofaa jiran ONM’f yaada isaanii qoodaniiru 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading