ONM-ABO Guraandhala 1, 2025
Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa gargaarsa murna Bilxiginnaan ijaarsa isaanii cimsatan goleewwan Oromiyaa mara keessatti hidda isaanii gadi jabeeffachuun, ilmaan Oromoo abbaa biyyummaa isaanii irraa mulqanii qabanii achi buutee dhabamsiisuu, saamuu, qe’ee irraa buqqisaa fi ajjeesaa jiru.
Godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa karaa Allaalaa iddoo addaa Bariisisaa (Morowwaa) jedhamuun beekamutti kaleessa Amajjii 31, 2025 guyyaa waaree booda humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon riphanii namoota loon tiksaa jiran irratti dhukaasa banuun jiraataa ganda Gonboo kan ta’e jaarsa ganna 60 olii nama maqaan isaa Aliyyii Adamee Usee jedhamuu fi Jiraataa ganda Gaanga’aa kan ta’e nama maqaan isaa Abdallaa Hasan jedhamu madeessuun maddeen keenya onichaa ONM’f eeran.
Akka jiraattotni jedhanitti, hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen aanichatti namoota 4 hanga 5 ta’anii riphanii iddoo namoonni loon tikfatanitti itti ba’uun guyyuu hawaasa nagaa irratti dhukaasa bananii burjaajii garaa garaa fi jeequmsa uumaa kan jiran ta’uu himuun, qaamni biyya bulchina ofiin jedhu Bilxiginnaan yeroo Finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen uummata nagaa irratti gochoota badii isaanii raawwatan birmannaan isaan hawaasa kanaaf taasisan akka hin jirre dabaluun dubbataniiru.

