• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Adoolaa Reeddeetti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoota ajjeesuu cimsanii itti fufan

Feb 2, 2025

ONM-ABO Guraandhala 1, 2025 

Loltoonni Abiy Ahimed  dhiiga qulqulluu dhangalaasuu akkuma salphaatti ilaalan, godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Reeddee irraa dargaggoo tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuun ibsame.

Naannoo magaalaa Adoolaatti Amajjii 26, 2025 waraanni impaayerattii utubuuf halkaniif guyyaa ifaajan, dargaggoo maqaan isaa ammaaf adda hin baane tokko naannoo sa’atii 11:00 keessa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Dargaggoon kun konkolaachisaa doqdoqqee kan ta’ee fi sababa waraqaan eenyummaa irraa fuudhameef maqaa isaa baruun rakkisaa yoo ta’u, loltoonni sirnichaa doqdoqqee irraa rasaasaan dhahanii galagalchuun ajjeesanii doqdoqqee isaas fudhatanii kan deeman ta’uun ibsameera.

Leave a Reply