• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni maafiyaan PP Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti saamicha hawaasa nagaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufan

Feb 2, 2025

ONM-ABO Guraandhala 1, 2025 

Ergamtoonni murna PP maseenuu dinagdee impaayerattii sababeeffachuun, saamicha hamaa uummata Oromoo irratti raawwachuu kan baroota darbee caalaa cimsanii itti fufanii jiru.

Amajjii 28, 2025 waraanni sirnichaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee bakka addaa Jaroo jedhamee waamamu keessatti hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu itti fufuun:

  1. Tashee Dhiinsaa jalaa loon 2,
  2. Roobaa Cimdii jalaa ammoo loon 9 fi 

namoota hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baanes saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni saamichi irratti raawwate kunneen hirmaannaa siyaasaa garee kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, gochoonni dabaa dhageettii gurraafuu hin tolle gandicha keessatti lammiilee nagaa irratti raawwatu daran jabaatee itti fufee jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply