• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Harargee Aanaa Gammachiis gandoota adda addaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa midhaan saamuu itti fufan

Feb 4, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025 

Uummata Oromoo hiraarsuu fi cunqursuu akka gammachuu fi boqonaatti kan ilaalu murni garboomfataan Bilxiginnaa, gama danda’e hundaan loltoota isaa ilmaan Oromoo irratti bobbaasee saamicha hamaa geggeessaa jira.

Aanaa Gammachiis ganda Geegiyyaa jedhamu irraa maqaa adda addaa da’oo godhachuun saamicha geggeessuu itti fufuun, Amajjii 29, 2025 irraa eegaluun maqaa buusaa gonofaatiin midhaan kiilogiraama 25, maqaa mana barumsaan kiilogiraama 22, maqaa nyaata milishaan kiilogiraama 12, waliigalatti kiilogiraama 59 mana tokko irraa saamaa jiru.

Ganda kana keessaa duraan maqaama gosa kaffaltii armaan oliin qarshii guuraa kan turan amma immoo midhaan guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda kana malees, gandoota akka: Siree Guddoo, Kuyyuubboo, Eeloo Odaa fi kanneen biroo hedduu keessaa bifuma walfakkaatuun saamichi kan itti fufee jiru ta’uun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading