ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025
Bara bulchiinsa nama nyaataa Bilxiginnaa keessa nagaan ba’ee galuu mitii mana isaa keessattiyyuu mirga lubbuun jiraachuu sarbamaa kan oolu uummanni Oromoo, ergamtootaa fi saamtota waraana impaayerattiin balleessaa tokko malee dararaa hamaa keessummeessaa jira.
Aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Makkanniisaa keessaa hidhattootni sirnichaa qabeenyaa uummataa irratti saamicha hammeessuun rakkisaa kan jiran oggaa ta’u, hawwaasni waan ittiin jiraatu dhabuun qe’ee isaa irraa godaanaa jiraachuu maddeen himan. Onicha keessatti milishaaf uffata binna jechuun afaan qawween doorsisanii nama tokko irraa qarshii 5000 saamaa kan jiran yoo ta’u, namoota hin qabnu jedhan ammoo hidhaatti darbachuun achi keessatti reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.


