• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaalee adda addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa walga’ii waamuun doorsisa irratti raawwatan

Feb 6, 2025

ONM-ABO Guraandhala 3, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa naamusaa waraanummaa hin qabnee fi seera hin kabajne gama bobbaafaman hundaan hawaasa Oromoo irraan dhiibbaa ga’uu itti fufanii jiru.

Godinaalee Harargee lamaanitti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa hunda walga’ii baasuun “waan baay’ee uummata keenyaaf hojjennee jirra. Gara fuulduraas uummata keenyaaf waan baay’ee hojjenna” jechuun sobanii afaan dhadhaa godhatanii hawaasa gowwomsaa jiraachuu jiraattonni gandinaalee kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Nama waan isaan jedhan didan immoo “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun maqaa adda addaa itti maxxansuun doorsisaa turan.

Bulchiinsa kana Bilxiginnaatu of harkaa qaba, guddina fidaa jirra, yoo nu hin deggerre hidhata diinaa qabdu jennee isin miidhuu dandeenya, siyaasa Bilxiginnaa ala kan biraa tarkaanfachiisuu hin dandeessanii fi ga’een keessan walgahii isin waamne dhufuu akkasumas maallaqa isin gaafanne kaffaluudha jechuun uummatni waan isaan jedhaniin ala deemuu akka hin dandeenye akeekkachiisuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading