ONM-ABO Guraandhala 3, 2025
Uummata Oromoo qe’eef qabeenyaa isaa irratti jibbuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Daadoo jedhamu keessaa loltoonni Bilxiginnaa Guraandhala 1, 2025 namoota maqaan isaanii:
1. Dhaabaa Waaqtolaa fi
2. Garramaa Hinkii jedhaman
badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti, ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun yakkuun hidhanii dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta’uu dubbatu.





