ONM-ABO Guraandhala 4, 2025
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa kan jiran, afaaniin akka waan hawaasa fayyadaniitti mirqaansuun erga gara hooggansaatti dhufanii as immoo waan ilmaan namootaa irratti ta’ee hin beekne raawwachaa jiru.
Aanaa Suudee ganda Ashiira Angarbullaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa dubartoota maqaan isaanii Aadde Amiinaa Faanosaa fi Aadde Amiinaa Tasii jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf ukkaamsanii hidhaatti darbatanii reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun halkan tokko bulchanii kan gadi dhiisan ta’uu jiraattotni ONM’tti himanii jiru.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, Aadde Amiinaa Faanosaa umuriin isaanii ganna 70 ta’uu himuun, qooda dubartootaaf kabajni malu arrabsoo qorqalbii isaanii miidhuu fi reebicha hamaa irraan gahuun gadhiisuu himu.
Ganda kanaa fi gandoota aanichaa biroo hedduu irraa maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuunis lukkeeleen kunneen qarshii hedduu saamuun, hawaasni hundi dararaa ulfaataa ta’e argaa kan jiru ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.


