• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Gooroo Guutuutti kaadiroonni PP mirga barsiisotaa dhiibaa jiraachuun ibsame

Feb 8, 2025

ONM-ABO Guraandhala 4, 2025 

Qooda barsiisotaaf waan gaarii gumaachuu qabu, Bilxiginnaan faallaa isaa maqaa daballii miindaan gurra duuchaa kaffaltii isaaniif kaffalamuu malu dhorkachuun dararaa hamaa irraan gahaa jira. 

Aanaa Gooroo Guutuu keessatti kan argamtu mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Madhiisa Dheeraatti kaadiroonni Bilxiginnaa barsiisotatti yeroo hunda roorrisaa kan jiran yoo ta’u, Amajjii 22, 2025 barsiisota mana barumsaa sanaa hunda irraa bilbila fudhatanii deemuu barsiisotni maqaan isaanii akka dha’amu hin feene ONM’tti himanii jiru.

Kaadiroonni Bilxiginnaa sababa bilbilli barsiisota mana barumsichaa harkaa guurameef maqaa “miidiyaalee hawaasaa fayyadamtanii icciitii keenya saaxiltu” jedhuun kan harkaa saaman yoo ta’u, barsiisonni waan ittiin bilbilatan dhabanii rakkataa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Akkuma aanichaatti rakkoo ulfaataan barsiisota mudataa kan jiruu fi daballiin miindaa kuufamaan isaaniif kaffalamuu qabu kan hin kaffalaminiif jiru ta’uun himamee jira.

Leave a Reply