• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu fi hidhuu akkaan hammeessan

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025  

Lukkeeleen Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun sobaan yakkuun adamsanii hidhaatti guuruu, yoo fedhan maallaqa guddaa irraa fudhachuun miidhaa hangana hin jedhamne dinagdee isaanii irratti geessisaa jiru.

Aanaa Suudee ganda Ashmiiraa Qeerransaa jedhamu keessatti ergamtoonni sirna bututaa suphuuf halkaniif guyyaa ilmaan Oromoo hiraarsan, yeroo ammaa kana maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 5,000-9,000 afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun saamaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu hidhaa fi saamichaa kan biroon ammoo ganduma kana keessaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Arabaa Maammaa jedhamu “misooma irraa hafte” jechuun guyyaa tokko erga hidhanii booda, qarshii 200 nyaata milishaaf, 1000 Buusaa Gonofaaf akkasumas, qarshii 500 ammoo kaffaltii gosti isaa hin beekamneen walumaa galatti qarshii 1,700 irraa fudhatanii gadi lakkisanii jiraachuu maddeen himan.

Aanicha keessatti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun illee hidhaa fi dararaan garaa garaa lammiilee nagaa irratti raawwatu daran jabaatee itti fufee jiraachuunis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading