ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025
Sabaa fi sab-lammoonni miseensa loltoota impaayera Itiyoophiyaa fedhii isaanii malee ukkaamfamanii loltuu ta’uun teessuma siyaasaa Koloneel Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman, sirna moofaa ekeraa Minilikiin hargantu balfuun guyyaa gara guyyaatti goleewwan Oromiyaa cufa keessaa abdii saba Oromoo kan ta’e gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, Aanaa Dharraa mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Baabbuu Dirree keessatti argamu irraa Gurraandhala 4, 2025 miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii sabaan Oromoo ta’an 2 qawwee AKM dachaatuu 2, Boombii harkaa 1, Gumbii 6 fi rasaasa 332 hidhannoo waliin mooraa Bilxiginnaa keessaa baasuun, WBO onicha keessa socho’utti harka kennachuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof gumaachanii jiru.
Simannaa fi kunuunsa bareedaa karaa WBO isaaniif taasifametti hedduu kan gammadan miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii duraanii kunneen, beekaniis ta’e, osoo hin beekin wallaalummaa isaaniitiin uummata Oromoo afaan qawwee itti qabuun dararaa ulfaataa irraan gahaa turanis dhiifama gaafachuun, isaanis “manatti gallee du’uu fi dirqamaan qabamnee deebinee milishaa ta’uu irra, qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeessaa jirutti makamuun saba keenyaaf dhukaasnee aarsaa qabsoon gaafattu hundas kaffalla” jechuun carraa argatan kanaan miira gammachuun guuteen ergaa isaanii dabarfatanii jiru.

