ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025
Biyyaa fi biyyee abbaa isaa irratti hacuucamee mirga namoomaa mulqamuun gochoota suukkanneessoo hangana hin jedhamne keessummeessaa kan oolu uummanni Oromoo, ammas kan yeroo kamiiyyuu caalaa qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti murna garboomfataa abbaa irree impaayera Itiyoophiyaan guyyuu hiraarfamaa oola.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Haawwaa Galaan ganda Baddeeyyii Godoo bakka addaa Kofalee jedhamuun beekamutti murni Bilxiginnaa Amajjii 3, 2025 ganama keessaa sa’a 12:00 irratti mana hawaasaatti marsuun akka uummanni hojii isaatti hin bobbaane danqanii tokko tokkoon mana gadi dhaabbatee jiru irraa hiyyeessaa fi sooressa osoo hin jenne qarshii 9000 fi boqqolloo ardaba 1 irraa funaanaa ooluun waaree booda sa’a 10:00’tti konkolaataa lamaan fe’atanii bahuu jiraattonni ONM’tti himan.
Gabaasuma wal fakkaatuun godinuma kana aanaa Yamaaloogii Walal gandoota baadiyyaa garaa garaatti maqaa Raayyaa Ittisa Impaayerattii, Farra Riphee-Lolaa fi Milishaa taatu jedhuun dargaggootaa fi abbootii warraa umuriin isaanii waggaa 30-50 hin caalle humnaan ukkaamsanii guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.


