ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Biqiltuu Loppii iddoo addaa Hulaa Guboo jedhamutti Guraandhala 4, 2025 maqaa “abbaa warraa keetu miseensa WBO’ti jedhuun” dubartii maqaan ishee Anbaruu Mohaammad jedhamtu jalaa loon 4 oofatanii mooraa waraanaa isaaniitti geeffachuu jiraatonni naannichaa eeran.
Ittuma fufuun hidhattootni kunneen godinichuma aanaa Aayiraa ganda Dagaagaa Aayiraa iddoo addaa Jaawwii jedhamuun beekamu keessatti Guraandhala 4, 2025 Poolisii maqaan isaa Nageessoo jedhamu irraa ajaja fudhachuun, Leenjii milishummaa fudhattanii hojii nu waliin hojjettu jechuun namoota maqaan isaanii:
1. Obbo Tasfaa Qannoo,
2. Obbo Karrasaa Haftaamuu fi
3. Obbo Jaallataa Yaadataa kanneen jedhaman, humnaan mana amantaa keessaa baasuun milishaa isin goonaa deemaa yoo itttiin jedhan, Obbo Jaallataan yaada isaanii waan harkatti dideef manuma amantaa sana fuula duratti, milishaan maqaan isaa Hambaayee jedhamu rasaasaa itti roobsuun ajjeesee warreen hafan lamaan immoo dirqiidhaan fuudhanii mana hidhaa isaaniitti geessanii jiraachuun barameera.


