• Tue. Jan 13th, 2026

Hospitaala Kaartum keessatti namootni 6 humnoota deggarsa ariifataatiin ajjeefaman 

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025 

Kibxata kaleessaa humnoonni deeggarsaa saffisaa Sudaan (RSF) hospitaala Omdurmaan Kaartum keessatti argamutti namoonni 6 yoo ajjeesan, 38 ammoo madeessaniiru jedhan ministeerri fayyaa Sudaan.

“Namoonni nagaa ja’a kan du’a yoo ta’u, hojjettoota yaalaa dabalatee 38 kanneen biroo Hospitaala Al-Nou keessatti RSFn   madaa’aniiru,” jechuun ministeerichi.

Dhaabbata miti mootummaa kan ta’e Neetworkiin Doktoroota Sudaan, du’a ja’a fi miidhaan 37 gabaasuun, haleellaan RSF kun seera addunyaa ifatti cabsuudhaan dhaabbata yaalaa irratti “haleellaa itti yaadanii” raawwatan jechuun ibseera.

Gareen kun hospitaalotaa fi hojjettoota yaalaa irratti haleellaa sirnaa ta’uu isaa kan ibse yoo ta’u, haleellaan kun dhukkubsattoota, kunuunsitootaa fi hojjettoota yaalaa tola ooltummaa irratti “ajjeecha itti yaadanii” akka ta’e akeekkachiiseera.

RSF himannaa kanaaf deebii hin kennine.

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan Sanbata darbe RSF gabaa Sabrin Omdurman keessatti haleellaa meeshaa waraanaatiin namoota nagaa 60 ol ajjeesuu isaatiin himate. RSF itti gaafatamummaa haaluun, naannoolee uummanni itti baay’atu magaalattii keessatti hin xiyyeeffanne jedheera.

Raayyaan Ittisaa fi RSF walakkeessa baatii Ebla bara 2023 irraa eegalee wal lolaa kan turan yoo ta’u, lola kanaan namootni 20,000 ol lubbuun darbee miliyoonni 14 buqqa’u aanga’oonni UN fi naannoo sanaa himaniiru. Qorannoon yunivarsiitiiwwan Ameerikaa irraa argame garuu lakkoofsi namoota du’anii naannoo 130,000 akka ta’an tilmaameera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading