• Fri. Mar 13th, 2026

Miseensi waraana impaayerattii tokko Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu irraa WBO’tti harka kennate

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Murni Bilxiginnaa humnoota waraanaa kuma dhibbootaan ijaaree duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti taasisuuf rafee kan hin bulle oggaa ta’u, ilmaan Oromoo dabaa fi cubbuu sirnichaa hubatan mooraa garboomfataa afaan qawween gad of dhaabe hin utubnu jechuun guyyuu WBO’tti dabalamuu cimsaniiru.

Akkaatuma kanaan Guraandhala 4, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessaa miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko qawwee AKM Turkii 1fi rasaasa 60 qabatee mooraa diinaa keessaa miliquun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamee jira.

Loltuun Bilxiginnaa duraanii kunis simannaa hoo’aa gama WBO’tiin taasifameefitti gammaduu himuun, dabaa fi hamminni guddaan murna Bilxiginnaan guyyuu saba Oromoo irratti mooraa waraanichaa fi alatti taasifamu sirnicha akkan gadi dhiisee ba’u na taasisee jira jedhe. Itti dabaluunis Oromoon kamuu biyya isaa weerara habashootaa jalaa baasuuf WBO waliin hiriiruun filannoo sirrii akka ta’es ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading