• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaalee garaa garaa keessatti murni PP qabeenya hawaasaa saamuu fi namoota nagaa humnaan ukkaamsanii gara dirree waraanaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

Feb 9, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Godina Arsii Lixaa aanaa Qoree gandoota guutummaa irraa Guraandhala 7, 2025 dargaggoota funaanuun mana hidhaatti erga guuranii booda hidhaa irraa yaasanii humnaan gara dirree waraanaatti fe’uun leenjisaa kan jiran yoo ta’u,  oggaa maatiin leenjifamtoota kanneen ilaaluuf dhaqan hedduu itti dheekkamuu fi yeroo biroo akka isaan deebi’anii hin ilaalle akeekkachiisuun maatii irraa dhorkanii jiraachuu jiraataan  naannichaa ONM’f eerera.

Kana malees ganda Coofira Shaashee jedhamu keessatti uummata mana jireenyaa isaanii irraa butanii gara mana hidhaatti geessuudhaan qarshii 50,000 hanga 100,000 irraa fudhachuun gadi lakkisaa kan jiran yoo ta’u, maatiin harka qalleessi waan kaffalatu dhabee mana hidhaa bubbuluu fi achi keessaa ba’uufis waan qaban hunda gurguranii maatii waan nyaachisan dhabaa jiraachuu jiraattonni naannichaa dubbataniiru.

Dabalataanis Waraana Bilisummaa Oromootu bosona dawoo godhatee nu lolaa jira jechuun bosona abiddaan gubaa kan jiran oggaa ta’u, Gurraandhala 7, 2025 Arsii Lixaa aanaa  Wondoo iddoo addaa bosona Abaaroo jedhamu murni Bilxiginnaa ibidda itti shiduun barbadeessanii jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading