ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa naamusa waraanummaa tokkollee hin qabne ilmaan Oromoo irratti miidhaa gama hundaan geggeessuu itti fufuun ooyiruun qonnaan bultootaa osoo hin hafne waan isaan irra qotuu qaban murteessaafii jiraachuun barame.
Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Waldaa Raammis jedhamu irraa waraanni maafiyaan impaayerattii qonnaan bultootatti roorrisuun torban lama dura irraa eegaluun qonnaan bultoonni araddichaa ooyiruu isaanii qamadii qofa akka qotaniif dirqamsiifamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
“Silaa ooyiruu isaa abbaan fedhe midhaan isaaf ta’u facaafata. Amma barana ammoo, waan haarawa dhageenye. Ooyiruu keenya qamadii qofa akka qonnuuf dirqamsiifamne” jechuun dubbatu.
Gatiin xaa’oo garmalee kan itti dabalee jiruu fi waan ittiin bitanii qamadii jedhame kanallee qotan dhabuun rakkataa jiran yoo ta’u, xaa’oon Bilxiginnaan qonnaan bultootaaf raabsuuf mana kuusaa keessa kaa’ee jiru kan waggaa 3 dura tajaajilli isaa darbe ta’uun barameera.

