ONM-ABO Guraandhala 7, 2025
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa kan jiru murni garboomfataan PP goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu wabeeffachuun waraana isaa naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne hawaasa nagaatti bobbaasuun, sabboontota ilmaan Oromoo badii tokko malee akka bineensaatti adamsee qabuun hidhuu, achi buutee dhabamsiisuu fi haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Begii ganda Taajaa keessatti waraanni goolessituun PP Gurraandhala 4, 2025 galgala keessa toora sa’a 4:00’tti nama maqaan isaa Attoomii Mubaarik jedhamu yakka tokko malee mana maatii isaatii qabanii deemuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eettis bakka inni itti hidhames ta’e, yookaan ammoo ajjeefame hin baramin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka onichaatti loltoota koloneel Abiy Ahimed’n sarbamiinsi mirgoota namoomaa guyyuu raawwachaa akka jirus itti dabaluun ibsaniiru.


