• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu keessatti ajjeechaan loltoota maafiyaa PP’n jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

Feb 9, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025 

Cubbamtuun impaayera Itiyoophiyaa bara dhufaa darbaan qulqulluu dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaastee soorachaa as geesse, har’as na gahe osoo hin jedhin haala duraan barameen olitti daran hammeessitee jirti.

Aanaa Lataa Sibuu ganda Elemaayii Somboo jedhamu keessaa Gurraandhala 5, 2025 loltoonni faashistii PP nama maqaan isaa Yohaannis Mokonnon jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun bifa suukkanneessaa ta’een gara laafina tokko malee ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, namni kun siyaasa kam irraa bilisa kan ta’ee fi hawaasa naannoo waliin illee jaalalaa fi kabajaan kan jiraatu ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa sobaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun ajjeesuu ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply