• Thu. Nov 26th, 2026

Kibba Oromiyaatti saamicha, hidhaa, gudeeddaa fi ajjeechaan lubbuu uummataa fi beeyladootaa irratti waraana maafiyaa PP’n raawwatu jabaatee itti fufe

Feb 9, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025 

Kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaa ganda Baddeessaa Funyaan Qaawaa keessatti dhukaasa meeshaa gurguddaa waraanni faashistii PP hawaasa nagaa irratti dhukaasaa turaniin loon 12 battalatti yommuu ajjeefaman, hawaasni nagaanis namni 2 madaa’uun himameera.

Meeshaalee gurguddaan dhukaafame kunis dishqaa dabalatee moorteraa fi ZU-23 yoo ta’u, nama maqaan isaa Dukkallee Sheroo jedhamu jalaa loon 7, Lu’oo Sheroo jalaa loon 5 yoo ajjeesu, Leelloo Kulumoo fi Dukkallee Sheroo Abbaan warrraa fi haati warraa moorteraan walitti rukutamuun du’aa fi jiruu gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Gama biraatiin ammoo godinuma kana aanaa Surroo Barguddaa ganda Sorooroo Malkaa Jawwee magaalaa Taabboo keessatti waraanni faashistii PP kunneen Guraandhala 6, 2025 halkan keessaa toora sa’a 6:00’tti manneen uummataa dirqamaan balbala bansiisee, kan banuu dide ammoo humnaan cabsee seenuudhaan dubartoota 5 gudeeduun uummanni iyyee watwaannaa guddaa keessa turuun gariin ammoo qe’ee irraa buqqa’uun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply