ONM-ABO Guraandhala 7, 2025
Gurraandhala 5, 2025 aanaa Harxummaa Fursee Qorii gara Jaarraatiin hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon loon hawaasaa baay’inni isaanii 150 ol ta’an iddoo isaan bobba’anii dheedicha irra jiranii ooffatanii deemuu jiraattotni himan.
Namoota humnoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin Gurraandhala 5, 2025 saamaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e;
ganda Qori Raasaa irraa:
- Adam Huseen Alii loon 12,
- Hasan Seerallee loon 7,
- Mahaammad Haajii loon 6,
- Aminaa Ammad Sarboo loon 3,
ganda Gooroo Re’ee fi Harawaacaa irraa ammoo:
- Maamud Ammad loon 4,
- Indirroo Aliyyuu qatiyyoo 1,
- Huseen Hasan Baliilaa qatiyyoo 1,
- Ubraahim Badhoo qatiyyoo tokkoo fi
namoota maqaan isaanii ammaaf nu hin geenye danuu jalaa saamanii deemuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kun gochaa badii isaanii hawaasa nagaa irratti raawwatan ittuma fufuun, godinichuma aanaa Jiille Dhummuuggaatti Gurraandhala 6, 2025 waaree booda dhukaasa hawaasa irratti bananii burjaajii uumaa turuu fi iddoo loon jiraattotaa dheedan bakka addaa Gaara Issiyyee jedhamutti ibidda shiduun gubaa jiraachuun barameera.

