• Sun. Mar 15th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaachuu ONM odeeffate

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu magaalaa xiqqoo Hindee jedhamtu keessatti waraanni goleessituun PP maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu  jedhuun uummata Oromoo gandoota baadiyyaa naannichaatti dhiyaatanii jiran keessaa walitti qabanii hidhuun, namoota hedduu hiraarsaa jiraachuun addeeffameera. 

Haaluma kanaan namoota ukkaamsanii reebicha hamaa irratti raawwatanii hidhaa murtii hin qabne hidhuun erga hiraarsaa turanii booda, tibbana immoo hidhamtoota  kanneeniin gara mooraa leenjii waraanummaa deemtu jechuun itti himuun isaanii dhaga’ameera.

Akkuma kanaan namoota hidhamanii reebichi hamaan irratti raawwate keessaa tokko nama maqaan isaa Waaq-gaarii jedhamu yoo ta’u, yeroo ammaa Buufata Fayyaa maagalichaatti yaalamaa akka jiruu fi kanneen mana hidhaa keessa turan keessaa namoonni 60 ol gara mooraa leenjii waraanaatti dabarfamuu isaaniis maddeen keenya OMN’tti dubbataniiru.

Kana malees Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti hidhattoonni PP Guraandhala 7, 2025 dargaggootaa fi jaarrolee ukkaamsuun mooraa isaaniitti kan walitti qabaa turan yoo ta’u, gandoota garaa garaa irraa bakkeewwan akka Manneen Amantaa fi Gabaa dabalatee iddoo hojii isaaniitii kan qabaman, walumaa galatti namoota 80 ol  ukkaamsuun dirqamaan gara dirree waraanaatti fe’anii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akkuma kanaan godinuma kana keessaa aanaa Giddaa Ayyaanaa, aanaa Eebantuu, aanaa Haroo fi aanaa Limmuu Galiilaa keessaas guyyaadhuma kana namoonni hedduun ukkaamfamanii gara dirree waraanaatti fe’amuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading