• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Gololchaatti hidhaan ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu hammaate

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Jiraattota godina Arsii Bahaa aanaa Gololchaa ganda Jingaa Dhiibuu kan ta’an firroottan isaanii keessaa namni duunaan gara godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa imalanii turuun, oggaa isaan gara aanaa isaaniitti deebi’an loltoonni Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo biraa dhuftu”  jedhuun Gurraandhala 5, 2025 ukkaamsanii waajjira poolisii aanaa Gololchaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Maqaan namoota kunneeniis:

  1. Aashituu Mahaammad,
  2. Ahimad Abdallaa,
  3. Moominaa Muusaa,
  4. Huseen Ibraahim fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.

Akka maddeen himanitti, jaleewwan Bilxiginnaa aanicha guutummaa keessatti waan hawaasni keessaa hin qabne maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii hiraarsaa jiraachuu gabaasaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading