ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025
Murni Bilxiginnaa barcuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf jecha ilmaan Oromoo humnaa fi goyyomsaan guuree mooraa leenjiitti naquun leenjisee eegdota isaa taasifachuuf yaalus, ilmaan Oromoo dabaa fi hammina isaa hubatan guyyuu sirnicha ganuun WBO’tti makamaa jiru.
Haaluma kanaan Gurraandhala 8, 2025 godina Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawwaa ganda Biyyoo Qundhii irraa miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii 2 Qawwee fi hidhannoo guutuun waraana bilisummaa Oromoo Onicha keessa socho’utti harka kennataniiru.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM 2, Rasaasa 389, Gumbii 4 fi Hidhannoo 2 mooraa diinaa keessaa qabatanii ba’uun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
Xumura irrattis siminnaa hoo’aa gama Waraana Bilisummaa Oromoon godhameefitti gammaduu ibsuun, ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafaniin murna saba keessan lafa irraa duguugaa jiruuf ergamuu dhiisaatii osoo yeroon jiruu gara qabsoo haqaa WBO’n geggeefamaa jiruutti makamaa jechuun dhaamsa dabarsaniiruuf.


