ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025
Aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Goda Jaboo jedhamu keessaa Gurraandhala 5, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Uumaa Jimaa,
- Soocharaa Haayiluu,
- Taaddee Biraanuu fi
kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa fedhii isaanii malee dirqamaan leenjii waraanaaf ukkaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, guyyaadhuma kana gandichuma keessaa nama maqaan isaa Abdiisaa Minnoo jedhamu osoo inni midhaan nyaataa xaafii ardaba 2 harreetti fe’atee gurgurachuuf gara magaalaa deemaa jiruu milishoonni sirnichaa daandii irratti eeggachuun badii tokko malee reebicha hamaa ta’e irraan gahuun, midhaan isaas jalaa saamanii deemuu maddeen himan.
Oduuma saamichaan wal qabatuun ammoo aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincootti Guraandhala 5, 2025 loon uummataa saamuun gara mooraa waraanaa isaaniitti dachaasuu jiraattotni gandichaa nuuf eeran:
- Obbo Amansiisaa Kabbadaa jalaa qotiyyoo tokko, Damma 25 kg fi qarshii 2800 yoo saaman,
- Obbo Asheetuu Amansiisaa jalaa loon sadii,
- Obbo Deebisaa Lammii jalaa sangaa tokko saamuun addeeffameera.
Namootni reebichi ulfaataan irratti taasifame muraasni maqaan nu ga’e:
- Obbo Magarsaa Abdii,
- Obbo Fiqiruu Bojaa,
- Obbo Taammiruu Abarraa,
- Obbo Dirribaa Baqqalaa,
- Obbo Taaddasaa Addunyaa fi
- Aadde Jaallannee Shallamaa kanneen jedhaman ta’uun ibsameera.

