• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota sirnichaan hidhaa, reebichaa fi doorsisni namoota nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Fursee keessatti Guraandhala 7, 2025 jiraataa magaalichaa kan ta’e, nama maqaan isaa Umar Mahaammad Dulloo jedhamu waraannii fi milishoonni sirnichaa reebicha ulfaataa irratti raawwachuun buufata waraanaa isaanii mana barumsaa magaalichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa gabaasan.

Akka jiraattotni jedhanitti namni kun reebicha irratti raawwatameen of wallaalee erga guyyaa reebameetii hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti bakka ciisuu ka’ee nyaata soorachuu kan hin dandeenye ta’uu fi gara jabeeyyiin kunneen iddoo inni ciisutti itti wal darbanii uleedhaan cafaqaa jiraachuu dabaluun ONM’tti himaniiru. 

Itti dabaluu, namni kun abbaa maatii akka ta’ee fi nama shaayee gurguree ofii fi maatii isaa jiraachifatu malee siyaasa garee kamiiyyuu kan hin hordofne ta’uu himuun, hidhattootni sirnichaa Oromummaa isaa qofaan yakkanii gochoota badii kana irratti raawwachuu dabaluun ibsaniiru.

Kana malees, aanichumatti shiftoonni murna PP kunneen namoota baadiyyaa irraa midhaan daakkachuuf gara magaalaa Fursee imalan daandii irratti eeguun saamaa fi reebaa kan jiraniin cinatti, “shamarran akkuma amantaa isaaniitti Ijaaba uffatan” ammoo kana uffattanii ergama WBO fudhattanii nu rukutuu dandeessu ittiin jechuun irraa mulqaa jiraachuu himuun, jiraattotni ammoo amantaa fi siyaasni seeruma biyya kamuu keessatti wal hin ilaallatu, murni Bilxiginnaa garuu mirga amantaa keenyaa nu sarbaa jira jechuun miira gaddaan guutameen dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading