• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Walloo magaalaa Kamiseetti waraana Bilxiginnaan doorsisaa fi saamichi ulfaataan konkolaachiftoota irratti jabaate 

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Godina Walloo magaalaa Kamisee seensa magaalichaa Kaarra Daamii jedhamuun beekamutti murni Bilxiginnaa baatii lamaa oliif garee saamtota isaa ijaaree keellaa bakkichaa irra kaa’uun maqaa qaraxa jedhuun konkolaataan tokko magaalicha seenuuf yookiin bahuuf qarshii 1000 fi isaa ol kaffalee akka ba’u ifoomeera.

Saamtonni murna PP kunneen konkolaataan fe’umsa homaa of irraa hin qabnes dirqiin akka irratti  kaffalamuuf konkolaachistoota hiraarsaa jiraachuu dabaluun eeraniiru. 

Konkolaachiftoonni maaliif fe’umsa osoo hin qabaatin kaffalla jechuun gaaffii gaafatanis jumlaan hidhamaa akka jiran ibsameera. 

Yeroo ammaas doorsisaa fi saamicha magaalaa Kamiseetti isaan irra ga’aa jiru dheessuun konkolaachiftoonni hedduun kallattii hojii isaanii jijjiiraa jiraachuus ONM odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading