• Sun. Mar 15th, 2026

Murni Bilxiginnaa Godina Booranaa Aanaa Goomolee keessatti maqaa maatii qabsaa’ootaa fi deggertoota WBO’ti jedhuun hidhaa fi saamicha uummata irratti hammeessuun ibsame

Feb 11, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Gara jabeeyyiin ergamtoota murna PP dabaa fi  hammina malee gaarummaa tokko saba irraa dhalataniif yaadanii kan hin beekne barcuma Abiy Ahimed tiksuuf jecha  dhiiga qulqulluu dhangaalaasuu kan aadeeffatan, saba ulfoo fi guddicha Gaanfa Afiriikaa uummata Oromoo hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa ulfaataa garaa garaa irraan ga’uun jiruu fi jireenya isaa mancaasaa jiru.

Ergamtootni Bilxiginnaa godina Booranaa aanaa Goomolee keessatti Amajjii 24, 2025 irraa kaasee gandootaa akka Bildiimii Raasoo, Dhakaa Barruu, Tulaa Wayyuu, Tulluu Qobboo, Dhaddacha Quufaa, Buuyyaa fi Suruphaa Baaddiyaa keessatti maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun uummata irratti hidhaa fi reebicha hammeessanii jiraachuu maddeen ONM’f gabaasan.

Kana malees dhiftoonni PP kunneen namoota siyaasa kam keessaa hirmaannaa hin qabne maatii qabsaa’otaati jechuun loon isaanii jalaa qalachuu, manneen irratti gubuu, kaan ammoo hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu fi yeroo WBO’n haleellaa irratti geggeessu dura dhaabbatanii loluu irra fuula isaanii gara uummataatti deebisuun jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo mancaasaa jiru jechuun maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading