ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025
Aanaa Daannoo ganda Dirree Daannoo keessatti Guraandhala 8, 2025 Obbo Addunyaa Hordofaa namni jedhamu intala isaa heerumsiifachuuf sirna naamusa isaa eeggateen osoo cidha irra jiranii “sirbitanii naannoo jeeqxan” jechuun milishoonni sirnichaa Hamaamota yookaan hirmaattota sirna gaa’elaa irratti dhukaasa banuun miidhaa ulfaataa geessisuu maddeen himan.
Kanumaan wal qabatee, maanguddoonni biyyaas “maal balleessine; akka aadaa keenyaatti cidha geggeeffachuun yoomii kaasee yakka ta’e” jechuun wayita gaafatan, bulchaa gandichaa kan ta’e Asaffaa Tashoomee namni jedhamu bilbilee humna dabalataa Raayyaa ittisa impaayerattii hoggaa waamu, dabalataan dhukaasa banuun namoota hedduu qabanii hidhaatti guuranii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota hidhaatti darbataman keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Saamu’eel Ayyalaa fi
- Fayisaa Dirribii kanneen jedhaman ta’uun eeramee jira.
Sababuma kanaan, sirni gaa’elaa kunis osoo hin geggeefamin hafee jiraachuun barameera.
Godinuma kana aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaa ammoo Guraandhala 7, 2025 ergamtoonni sirnichaa dargaggoo Shunnaa Bantii jedhamu “Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hojjetta” jechuun loon 2 jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa kunneen, torban darbe keessa abbaa isaa Obbo Bantii jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu yeroo darbe isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.


