ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025
Karoorri bulchiinsa isaa yeroo maraa uummata Oromoo dararuu kan ta’e faashistichi abbaa irree impaayeratttii koloneel Abiy Ahimed yeroo tokkoof nagaa sabichaaf kennee kan hin beekne, guyyaa dhufee darbuun akka jibbiinsa Oromummaaf qabuun maqaalee garaa garaa moggaasuun jireenya uummataa mana hidhaa gochuun jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo mancaasuu itti fufee jira.
Guraandhala 10, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Fincoo keessatti namoonni maqaan isaanii Nuuraa Maammoo, Alii Muusaa fi Faaxumaa Sheek Musiliim kanneen jedhaman balleessaa tokko malee milishoota murna PP’n qabamuun hidhaatti dararamaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Oromiyaa biyya abbaa isaanii irratti murnoota teessuma abbaa irree impaayerattii tiksaniin gidiraa hamtuu dhala namaaf hin malle dhandhamaa kan oolu sabni Oromoo, mirga lubbuun jiraachuu ilmi namaa biyya isaa irratti qabu mulqamuun guyyuu ergamtoota murna Bilxiginnaan hidhaa, saamicha, ajjeechaa suukkanneessaa fi qe’ee isaa irraa godaansifamuun dararaa akkaan ulfaataa argaa jira.


