• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Fantaallee keessatti murna faashistii PP’n namoonni nagaan lama ajjeefamuun himame

Feb 14, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Gareen dhiiga ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan dhangalaasuu aadeeffate Bilxiginnaan, ilmaan Oromoo maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun waraana sirna dhableessa isaanii itti bobbaasuun lafa irraa duguugaa jiraachuun beekameera. 

Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Qobboo bakka Soogiddoo jedhamutti Guraandhala 10, 2025 ergamtootni waraana faashistii PP jiraattota gandichaa namoota nagaa maqaan isaanii Umar Niinnii Asabootii fi Waaqoo Mohaammad Waaqoo kanneen jedhaman maqaa isaan quba hin qabne “WBO wajjin hidhata qabdu “jechuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu ONM ifoomseera.

Akka jiraattonni jedhanitti “namoota ajjeesan kana malees jiraattota irratti reebicha guddaa raawwachuun namoota baay’ee mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply