ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025
Faashistoonni PP Oromiyaa guutuu keessatti ilmaan Oromoo humnaan qabuun leenjii waraanaa galchuun tiksee barcuma aangoo isaanii taasisuuf jecha halkanii fi guyyaa daba seenaa fi seeraan isaan gaafachiisu ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humnoota diinaa mooraa sirnichaa keessa buufattee turte irratti torban lamaan darban keessa taasiseen injifannoo boonsaa galmeessuun humnoota faashistii PP irraa hedduu fixuun mooricha onaa taasise bakka buufachuuf jecha murni Bilxiginnaa abbootii warraa fi dargaggoota ukkaamsuu cimsee akka jirus ibsameera.
Kanumaan kan wal qabatus aanaa Haluu keessatti milishoonni sirnichaa sodaa WBO’f qabaniif mooraa sirnichaa keessaa jumlaan badaa jiraachuu sababeeffachuun haadha warrootiin milishootaa fi daa’imman isaaniis hidhaatti guuramaa jiraachuu ONM odeeffateera.


