ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025
Sammuu ittiin sabaaf yaadan kan hin qabne miirri isaanii guutummaan dabaaf hamminaan kan guutame kan gochi namummaa isaanii ibsu tokkoyyuu irraa hin calaqqisne ergamtoonni murna Bilxiginnaa uummata ofiifuu qaali’iinsi jireenyaa rakkisaa jiru guyyuu hidhuu, saamuu, ajjeesuu, manneen irratti gubuu fi qe’ee irraa godaansisuun dararaa hamtuuf saaxilaa jiru.
Bifuma kanaan torban kana keessa godina Gujii Lixaa aanaa Galaana ganda Shamolee jedhamutti ergama saamichaa fudhatee kan bobba’e kaabineen murna Bilxiginnaa maqaan isaa Galma Bolee Koyyoo jedhamu waraana faashistii PP of jala hiriirsuun waajjira gandaa ibiddaan gubatee ture deebisee ijaaruuf dirqamaan uummata gandichaa guutuu irratti adaba qarshii 5,000 tokkoon tokkoon namootaa akka dhuunfaa isaaniitti akka kaffalan dirqisiisaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Guraandhala 10, 2025 ammoo qonnaan bultoota hedduu hidhuu fi reebuun loon isaanii gurgursiisaa kan jiruu fi armaan duras kaabineen kun uummata ganda Hirgansaa saamuun mana jireenyaa magaalaa Gangowaa fi Arbaa Mincii keessatti ijaarratee jira. Ammas saamtota waraana murna Bilxiginnaa of jala hiriirsuun afaan qawween dararaa akkaan ulfaataa dubbachuuf namatti hin tolle uummata Oromoo irratti dalagsiisaa jiraachuu jiraattonni onichaa miira gaddaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.


