• Sun. Mar 15th, 2026

Boombii dho’een yoo xiqqaate Afgaanistaan keessatti namoota shan ajjeese

Feb 14, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Afgaanistaan keessatti dhohiinsi boombii yoo xiqqaate namoota shan ajjeese, Kaaba Baha Afgaanistaan ​​keessatti ammoo namoota torba madeesse jedha gabaasni poolisii naannichaa.

Dhohinsi kun Kibxata naannoo damee baankii Kaabuul bulchiinsa Kunduz keessatti sa’aatii 8:35am (04:05 GMT) irratti raawwatame. Gareen tokkollee hanga ammaatti dhohinsa kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne.

Eegduun baankichaa fi namoonni afur, namoota nagaa fi miseensota garee Taalibaan bulchaa Afgaanistaan ​​dabalatee namoota ajjeefaman keessaa tokko ta’uu poolisiin beeksiseera.

“Meeshaalee dho’aa of keessaa qabuun, of dhoose,” jechuun dubbi himaan poolisii bulchiinsa Kunduz Jumadin Kaaksar, hubachiisaniiru.

Itti dabaluudhaanis, “Ajajni Poolisii Naannoo Kunduz dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun yakkamtoota taatee kanaa argachuun seeratti akka dhiyeessan taasisaa jirra,” jechuun dabalaniiru.

Lakkoofsi dhohinsa boombii fi haleellaa of ajjeesuu Afgaanistaan keessatti raawwatamu erga Ameerikaan humna ishee biyyicha keessaa baastee fi mootummaan Taalibaan Hagayya 2021 aangootti ddhufee kaasee xiqqaatus darbee darbee ni mul’ata jechuun Aljazeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading