• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaa irraa namoonni 2 ukkaamfamuun erga achi buutee dhabamsiifamanii waggaa tokkoo ol lakkoofsisuun eerame

Feb 14, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa Oromummaa hadheeffatanii morman waan ittiin hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu ittiin yakkan kalaquun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun achi buutees dhabamsiisaa jiru.

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa waggaa tokko dura loltoonni raayyaa ittisa impaayerattii barataa maqaan isaa Mahaammadyaqiin Sharafuddin jedhamuu fi Sheekii maqaan isaa Muktaar Mahaammad jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf ukkaamsuun gara waajjira poolisii aanaa Cawwaaqaatti erga geessanii booda achi buuteen isaanii dhabamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Namoonni kunneen lamaan hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi yeroo tokko qofa oduun achi buutee isaanii kan dhaga’ame waajjira poolisii magaalaa Gimbii keessa jiru haa jedhamu iyyuu malee qabatamaa kan hin taanee fi hanga ammaatti achi buuteen isaanii kan dhabame ta’uu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Namoota kana malees, namoonni hedduun du’aaf jiraan isaanii kan hin beekamne ta’uu fi akkuma aanichaatti gandoota akka Ifa Baas Cooree fi ganda Ayinoo Gammoojjii bakka Qobboo jedhamu irratti xiyyeeffatamuun gochoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne hanga ajjeechaatti raawwachaa jiraachuunis dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading