• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Roobee irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu fi saamuu hammeessan

Feb 15, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Yeroo adda addaatti kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa sarbama mirga namoomaa garmalee hammeessaa kan turan, ammas haala baratameen addatti namoota ukkaamsuun hidhaatti darbachuu fi saamichi hammaatee jira.

Aanaa Roobee Jeenaa Ulul jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii dararaa adda addaa irratti raawwachuu kan amaleeffatan, haala duraan baraniin olitti yeroo ammaa kana maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:

  1. Yusuuf Coomee,
  2. Turii Coomee,
  3. Abdallaa Coomee,
  4. Rashaad Usmaan,
  5. Ra’isaa Aloo,
  6. Nuuriyaa Qaasim,
  7. Amiinoo Huseen,
  8. Maasaa Adam,
  9. Kadir Muusaa,
  10. Kadir Bakarii, 
  11. Isheetuu Jambaree kanneen jedhamanii fi 

kanneen biroo hedduun badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhaatti darbatamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Kana malees, ganduma kana keessaa torbanuma kana keessa lukkeeleen Bilxiginnaa dararaa hammeessuun namoota maqaan isaanii:

  1. Juneedii Mahaammad jalaa qarshii 3,000,
  2. Jamaal Usmaan jalaa qarshii 3,000,
  3. Sheek Yusuuf Qassoo jalaa qarshii 8,000 saamuun 

meeshaalee akka; kophee, uffataa fi meeshaalee manaa hunda waliin jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru. 

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni saamamanis ta’e hidhaman qaama siyaasaa kam kan hin hordofnee fi hojii qonnaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’an, ergamtootni Bilxiginnaa immoo maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun kan sobaan yakkan ta’uun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading