• Mon. Mar 16th, 2026

Lixa Oromiyaatti hidhamtoonni siyaasaa hedduun dhukkubaaf saaxilamuun hiraarfamaa jiraachuun himame

Feb 15, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Akka guutuu Oromiyaatti murni Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti bananiin Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii manneen hidhaa cufatti ilmaan Oromoo hedduu ta’an mana tokkotti hidhuun hidhamtoonni dhukkuboota adda addaaf saaxilamaa jiru.

Waajjira poolisii magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07 fi ganda 05 keessatti argamu keessaa namoonni hedduun mana tokko keessatti hidhamuu irraa kan ka’e dhukkuboota hedduuf saaxilamanii jiraachuu namoonni hidhamtoota kana dubbisuuf deeman Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Sababa baay’ina hidhamtootaaf manni hiraarsaa sun walga’uu kan didee fi dhukkuboonni daddarboo hedduun isaan miidhaa kan jiru yoo ta’u, addatti immoo dhukkuboonni afuuraa fi tuttuqqiin darban hammaachuun qorichootaa fi yaala gahaa tokko illee kan hin argatin jiran ta’uun baramee jira.

Keessattiyyuu godinaalee Wallaggaa afranitti maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun hidhamtoonni siyaasaa waggoottaniif kutaa haalaan dhiphoo keessatti dararamaa akka jiranis ni himama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading