ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025
Roobii kaleessaa mana dhugaatii magaalaa kibba baha Girenobli mana dhugaatii keessatti boombiin dhoohuun namoonni 12 madaa’aniiru jedhan qondaaltonni.
“Namni tokko seenee jecha tokko osoo hin dubbatin boombii darbate fiige fakkaata,” jechuun abbaan alangaa Firaankoos Tuuret-De-Koorsiiyin bakka balaan kun itti dhaqqabeetti gaazexeessitootatti hime.
Tuuret-de-Koorsi akka jedhanitti qorattoonni hanga ammaatti kaka’umsa gocha kana tokko adda hin baasne “haleellaa shororkeessummaa” ta’uun isaas hin amanamne.
Qorattoonni daldala qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walitti dhufeenya qabaachuu danda’u ilaalaa jiru jechuun, akkaawuntiiwwan tokko tokko shakkamaan kun qawwee haleellaa Kilaashnikov akka baatu agarsiisa jedhan.
kantiibaan magaalichaa Erik Piyoole fuula X irratti, “Ani gocha yakkaa jeequmsa addaa kana nan balaaleffadha,” jechuun X irratti barreesse.
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Chiloye Pantel AFPtti akka himanitti manni dhugaatii kun “bakka namoonni naannoo sanaa fi namoonni naannoo ala jiran itti walitti qabaman, keessumaa taphoota kubbaa miilaa ilaaluuf” jedhan jechuun gaazexaan kun gabaaseera.

