• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Amiinyaa keessatti murni Bilxiginnaa caasaalee ofii isaatii hojii hojjechiisaa jiru WBO wajjin hidhata qabdu jechuun mana hidhaatti guuruun dhaga’ame

Feb 16, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Murni Bilxiginnaa shakkii teessuma aangoo kiyya irraa na fonqolchu jedhu qabatee waggoottan gara aangootti dhufee kaasee namoota yaada qajeelaa qaban kanneen miidhamni hawasaa isaanitti bowwuu mataa ta’u hundumaa miseensummaa sirnichaa irraa mulquun caasaalee gubbaa hanga gadiitti jiran keessaa hidhuu, ajjeesuu fi doorsisa irratti raawwachuu aadeffateera.

Bifuma kanaanis jiraattota godina Arsii Bahaa aanaa Amiinyaa ganda Malaaxoo Haaloo kan ta’an miseensa paartii badhaadhinaa ta’uun hojjechaa kan jiran, namoota maqaan isaanii Obbo Nuuree Turaa abbaa ilmaan 8 fi Obbo Amaanaa Musxaafaa abbaa ilmaan 6 Guraandhala 10, 2025 kaadiroonni sirnichaa bilbiloota keessan keessa suuraa alaabaa WBO’tu jira jechuun ukkaamsanii reebicha ulfaataa irraan ga’uun bakka Addeellee jedhamutti hidhanii hiraaarsaa jiraachuu ONM odeeffateera.

Akka maddeen keessoo Bilxiginnaa himanitti koloneel Abiy Ahimed namoota paartii keenya keessa taa’uun yaadota mormii agarsiisan cufa ajjeechaa dhoksaa irratti taasisaa jedhee ajaja dabarsuu isaa hordofee namoonni quuqama saba isaanii qaban danuun ukkaamfamaa fi ajjeefamanii gatamaa jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply