ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaanii kan godhatan waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsanii itti fufanii jiru.
Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa gandoota hunda irraa loltoonni faashistii PP jiraattota hunda saalaan osoo adda hin baasin namoota hedduu baay’inaan 100 ol ta’an sobaan yakkanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Obbo Gadaa Gurraacha Waaree kan jedhamu torban lama dura loltoota Koloneel Abiy Ahimediin magaalaa Hara Qalloo jedhamu irraa ukkaamfamuun miilli isaa kan cabee fi miilla isaa cabe kanaaf wal’aansa gahaa dhabuun mana hidhaa keessatti rakkachaa jiraachuun ifoomeera.
Namoonni kunneen hedduun isaanii balaa beelaa fi dhibee adda addaaf saaxilamanii kan jiran yoo ta’u, isaan keessaaa kan maqaan nu ga’e:
- Gadaa Boruu,
- Waxxeessaa Hundeessaa,
- Qajeelaa Naannoo Boruu,
- Fiqiree Elemaa,
- Eebbisaa Odaa Galchuu,
- Galgaloo Kadir,
- Gurmeessaa Adoolaa fi
kanneen baay’inaan 100 ol ta’an garmalee dararamaa jiraachuun dabalataan ifoomeera.

