ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025
Jireenya gadadoo jiraachuu ilmaan Oromootti kan gammadan ergamtoonni sirna nama nyaataa PP, goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba’uun saamicha ulfaataa raawwachuun haadha hiyyeessaa boochisuu itti fufanii jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa bakka addaa Shaakii jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa Gurraandhala 11, 2025 ganama bariin maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun qe’ee hawaasaatti bobba’uun saamicha raawwachaa kan turan yoo ta’u, namuma manatti argatan irraa kaffaltii nagahee hin qabne qarshii hanguma argatan afaan qawwee itti qabanii doorsisuun saamanii kan deeman ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Addatti ammoo, gandicha keessaa nama maqaan isaa Zarihuun Ittafaa jedhamu sobaan yakkuun dararaa fi saamicha humnaa olii irratti raawwatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

