• Fri. Jan 2nd, 2026

Ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattonni Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu fi Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee akka walitti hin ceeneef, saamichaa fi yakkoota garaa garaa irratti raawwachuun adda ittisaa jiraachuun himame

Feb 16, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025 

Waraanni Abiy Ahimed godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu fi Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee kan daangessu bishaan laga Meexxii jedhamu irra maandheffachuun, obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo uummata jaalalaa fi tokkummaan waliin jiraachaa har’a ga’e, walitti ce’ee jireenya hawaasummaa akka waliin hin geggeeffanneef sababoota garaa garaan irra deddeebiin adda dhorkaa kan jiran ta’uu jiraattonni aanota kanneenii dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma kanaan, torban darbe keessa jiraattota aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo kan ta’an, Shalguu Taayyee fi Daawud Hiisaa namoota jedhaman osoo isaan gabaa daldalachuuf gara aanaa Sayyoo Noolee deemaa jiranii ergamtoonni sirnichaa sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata geessitu” jedhuun, maallaqa dabalatee qabeenya isaan gurgurachuuf deemaa jiran osoo tokko harkatti hin hambisin jalaa saamanii jiraachuu maddeen himan.

Yeroo addaa addaattis riqicha jiraattota godinaalee kanneenii walitti ceessisu “WBO’tu ce’ee nu rukuta” sababa jedhuun adda kutaa kan turan yoo ta’u, kaayyoon isaaniis uummata Oromoo lagaan adda qoodanii walitti diinomsuuf akka ta’es himamee jira.

Kana malees, aanaa Daarimuu ganda Gungummii fi Waabeekoo keessatti maqaa misooma diddan jedhuun jiraattonni hedduun waajjira gandaatti hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsamee jira.

Akkasumas, gandoota kanneen keessatti namni lama-sadii ta’ee wal biratti yoo argamee fi rifeensi dheeraan yoo irratti argame tarkaanfiin irratti akka fudhatamu jechuun uummata doorsisuun itti fufee kan jiru yoo ta’u, kanuma irraa ka’uun uummanni jiraachuu mitii; sodaa lubbuuf iyyuu rafee bulaa kan hin jirre ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading