• Wed. Jan 14th, 2026

Finfinnee magaalaa Shaggar Siitii keessaa murni PP dargaggoota jumlaan ukkaamsuun adda waraanaatti guuraa jiraachuun barame

Feb 18, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025 

Baattonni kaayyoo Minilik ergamtoonni impaayerattii garaa isaanii guuttachuu qofaaf lubbuu ilmaan Oromoo obbaasaa kan oolan loltootni Bilxiginnaa, Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti ajjeechaa suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuun guyyuu ajjeesanii reeffa ilmaan Oromoo bineensa sooraa ooluun cinatti fedhii fi jaalala isaanii malee dargaggoota jumlaan ukkaamsuun adda waraanaatti guuraa jiraachuun saba Oromoo irratti yaaddoo uumeera.

Finfinnee magaalaa Shaggar Siitii dabalatee kutaalee magaalaa Finfinnee cufatti dargaggoota adamsuun bakkuma arganitti jumlaan ukkaamsuun dirree leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraaachuu maddeen ONM’tti himan.

Murni badee balleessaan ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii irratti kutaaf lagaan qooduun dararaa agarsiisaa oolu Bilxiginnaan goolessitootaa fi gara jabeeyyii waraana isaa uummatatti bobbaasuun aduu dhihee bari’uun ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi yakkoota garaa garaa irratti raawwachuun duguuggaa sanyii daangaa hin qabne raawwachuutti dabalee dargaggoota hedduu lola isaan hin ilaallennetti galchuun fichisiisaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading