• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota adamsanii ukkaamsuun hidhaatti darbachuu hammeessan

Feb 18, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Jiraataa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Malkaamuu Amsaaluu jedhamu loltoonni Bilxiginnaa Gurraandhala 14, 2025 aanichuma ganda Eebbaa iddoo addaa Maadara jedhamu keessatti osoo inni dhimma dhuunfaa isaaf deemaa jiruu sababa tokko malee ukkaamsuun mooraa waraana Bilxiginnaa gandichuma iddoo addaa Alamganaatti keessatti argamutti geessanii hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, namni kun deggeraa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taanee fi hojii dhuunfaa isaa qofatti bobba’uun maatii isaa kan jireeffatu ta’uu dubbatu.

Aanaa Guutoo Giddaa keessatti hidhaa fi dararaan ergamtoota maafiyaa PP’n hawaasa meesha maleeyyii irratti raawwatu kun jabaatee ittuma fufuun, guyyaadhuma kana ganda Qajeelaa iddoo addaa Dabbasee jedhamu irraa ammoo namoota 2 kanneen maqaan isaanii; Gaarii Hayiluu fi Margaa Kumarraa jedhamanis badii tokko malee ukkaamsuun ganduma Eebbaa mooraa waraanaa geessanii hidhuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading