• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardaagaa Jaarteetti loltoonni Blxiginnaa hawaasa saamuu fi bosona gubuu cimsanii itti fufan

Feb 18, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun, waa’ee dantaa saba irraa dhalatanii dhimma tokkollee dhabuun, qarshiin bitamanii hawaasa nagaa dararaa jiru.

Aanaa Jaardaagaa Jaartee ganda Haroo Haboo jedhamu irraa loltootni Bilxiginnaa Gurraandhala 13, 2025 maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun nama maqaan isaa Obbo Yaaddessaa Birruu jedhamu nama siyaasa tokkollee hin hordofne jalaa badii tokko malee horii 31 ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees, lukkeeleen sirnicha utubuuf kufanii ka’an, ganna-ganna “biqiltuu dhaabaa!” jechuun hawaasa hunda dirqisiisuun bona-bona immoo “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraan” barbadeessuun humna hawaasaatti akkuma argan kan taphatan yoo ta’u, aanaadhuma kana ganda Laga Miiccaa jedhamu irraa Gurraandhala 12, 2025: 

  • bosona Jalduu jedhamuu fi 
  • bosona Tulluu Barakat jedhamu 

“Waraana Bilisummaa Oromootu keessa ripha” jechuun abidda itti kaa’anii barbadeessuu fi akkuma godina sanaa guutummaatti bosona bona kana hawaasni qilleensa gaarii irraa argatu bakka adda addaatti gubaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading