ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa gandoota aanichaa mara keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Gurraandhala 13, 2025 irraa eegaluun balbala namootaa irra deemanii baatii lama osoo hin guutin maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun gad aanaan qarshii 1500-2000 fi isaa ol dirqamaan jiraattota harkaa saamaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Akka jiraattotni aanichaa jedhanitti, hattoonni sirnichaa kunneen dhuma baatii Muddee keessa maqaa inshuraansii fayyaa fi gibira jedhuun qarshii humnaa ol nu kaffalchiisanii turan, yeroo ammaas bifuma wal fakkaatuun afaan qawwee nutti qabanii fidaa yoo diddan ilaalcha WBO qabdu ni hidhamtu, ni reebamtuu fi qe’ee irraa buqqaatu jedhanii nu sodaachisuun dirqamaan nu Kaffalchiisaa jiru jechuun dabaluun dubbataniiru.
Oduuma saamichaan wal qabatuun, godinichuma aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti caasaaleen Bilxiginnaa maqaa waraqaa heyyamaa hin qabdanii fi haaressaa hin jirtan jedhuun daldaltootuma waraqaa eenyummaa qaban afaan qawwee itti qabanii torban torbaniin qarshii 250 harkaa fudhachaa jiraachuu daldaltootni saamichi kun irratti raawwate Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.





