• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Bilxiginnaa konkolaachiftoota irratti reebichaa fi saamicha raawwatan

Feb 18, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025 

Gurraandhala 12, 2025 aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo ganda 01 irraa loltoonni garaa isaanii qofaaf waan fedhan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa oolan, konkolaachiftoota maqaan isaanii:

  1. Ulfaataa Namoomsaa,
  2. Qumilaachoo Kaasaa fi
  3. Girmaa Addisuu 

kanneen jedhaman irratti reebicha ulfaataa qaama laalessu raawwachuu jiraattonni magaalichaa  ONM’tti himan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, hoteela isaan bulan hoteela Jimmaa Horroo jedhamu keessaa ukkaamsuun maqaa isaan hin qabnee fi keessa hin jirre “isin loojistikii WBO’ti” jechuun halkan gadi baasanii reebicha hamaa irraan gahuun waan isaan qaban hunda saamuu himan.

Konkolaachiftoonni kunneen Finfinnee fi godinoota Wallaggaa gidduu kan konkolaachisan yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa addatti konkolaachisaa Girmaa jedhamu mataa qawween tumachuun miidhaa ulfaataa irraan gahuun isaanii baramee jira.

Loltoonni sirnichaa daandii gubbaa irra dhaabbachuun waan fedhii isaanii konkolaachiftoota ajajachuun, yoo isaan waan ajajaman dhiisanii itti dhaqan immoo maqaa adda addaa itti maxxansuun dararaa adda addaa waan irratti raawwataniif konkolaachiftoonni akka itti hojii hojjetan dhabuun rakkachaa jiraachuun dabalataan ibsameera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading