ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025
Rakkoo uummataaf furmaata kennuu irra uummatatti rakkoo jabaa ta’ee kan jiru bulchiinsi nama nyaataan impaayerattii yeroo ammaa murni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti utubduu aangoo bulchiisa isaa kan ta’an ergamtoota isaa garaa isheef malee dantaa hawaasa keessaa ba’anii hin eegne fi naamusni ilmaan namaa irraa hin calaqqisne qe’ee Oromoota maraatti bobbaasuun guyyuu jireenya gadadoof ilmaan Oromoo saaxilaa jira.
Bifuma kanaan Guraandhala 12, 2025 irraa eegalee marsaa lamaffaaf Baha Oromiyaa akka guutuu godinoota Harargee Bahaa fi Lixaatti caasalee isaa bobbaasuun maqaalee akka gibiraa, inshuraansii fayyaa, buusaa gonofaa fi kkf itti dha’uun kan dur saamaa jiruun olitti dachaa lamaan maallaqa uummata irraa guuraa kan jiru yoo ta’u, barattootaan ammoo gatii ispoortii fi deggersa waraanaa jechuun rakkisaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Ajandaan bulchiinsa isaa yeroo maraa uummata Oromoo hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun qe’ee fi qabeenya isaanii barbadeessuun jiruu godaansaaf saaxilaa jiru faashistichi impaayerattii koloneel Abiy Ahimed uummata ofiifuu sababa qaala’insa jireenyaan rakkataa jiru buusiin mataa dhukkubbii cimaa itti ta’ee jira.


