• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti waraanni faashistii PP jiraattota irratti manneen gubuu fi hidhaatti guuruu cimsee itti fufe

Feb 19, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025 

Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti akkuma fedhan bobba’uun ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa oolu.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayyineerraa bakka addaa Sorooroo jedhamuun waamamu keessatti Gurraandhala 13, 2025 waraanni faashistii PP maanguddoo maqaan isaa Obbo Guutamaa Qinaaxxii jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun erga barbadeessanii booda, haadha warraa isaa Aadde Guddattuu fi haadha warraa ilma isaa Aadde Masarat Dabalaa kanneen jedhaman ammoo bor waajjira poolisii hin dhuftan taanaan isin ajjeefna jechuun doorsisuun mallatteessisanii yoo deeman, isaanis sodaatanii Gurraandhala 14, 2025 waajjira poolisii wayita deeman qabanii hidhaatti darbachuun dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, maanguddoon manni isaanii qabeenya guutuu waliin jalaa gubatee fi maatiin isaanii hidhaman kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf jecha waan isaan hin beekneen yakkuun gocha gara jabinaan guute kana irratti raawwachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading